Teeknoloojii haaraan of ajjeesuuf gargaaru Siwiizarlaanditti gabaarratti dhiyaachuuf

Sarco pod

Madda suuraa, Sarco

Maashiniin '3D print' kan saandukaa fakkaatuufi namoota of ajjeessuu barbaadan gargaaru Siwiizarlaand keessatti bara dhufu gara jalqabaa eegalee hojiirra akka uulu abdii qabaachu kaampaniin omisha kana qopheesse beeksise.

Dhaabbatichi maashiniin kun seera Siwiizarlaand kamuu kan hin cabsine ta'uu ogeeyyii seeraa qacaruun mirkaneeffachuu beeksiseera.

Abbootiin seeraa biroon garuu bu'aa qo'annoo kana mormaniiru.

Dhaabbanni deeggarsaan lubbuu ofii baasuu hordofu, Dignitas, teeknoolojiin kun fudhatama guddaa argachuu dhabuu mala jedheera.

Deeggarsaan lubbuu ofii baasuun Siwiizarlaand keessatti seera qabeessa yoo ta'u, namni murtee isaa seeraan sirrii ta'ee argame mala ittiin deeggaramutu filannoon dhiyaataaf.

Bara 2020 keessa qofa namoonni 1,300 deeggarsaan lubbuu of baasaniiru.

Ogeeyyiin fayyaa dhukkubsataa dararaa hamaa fi dhibee fayyuu hin dandeenye keessa jiru fedha isaa irratti hundaa'uun lubbuu isaa akka dabarsu kan gargaaran ta'us, UK keessatti fakkeenyaaf kun seera qabeessa miti.

Biyyoonni adeemsa kana deeggaran akkuma jiran, seeraan fudhatama kan hin kennineefis hedduudha.

Morkii seeraa

Siwiizerlaand keessatti maloota jiran keessaa tokko dhangala'aa namni lubbuu of baasuu barbaadu dhuguudha.

Wanti akka sanduuqaa amma haaraa hojiirra oola jedhamu ammoo naayitiroojiniin kan guute yoo ta'u, hanga ooksijinii saffisaan xiqqeessun lubbu namaa dabarsuuf gargaara.

Adeemsi kun nama saanduqicha keesa jiru akka inni of wallaalu gochuun daqiiqaa 10 keessatti lubbuun isaa akka darbu godha.

Maashinni kun sirna to'annoo keessoo kan qabu ta'us, keessaa bahuuf ammoo alaan wanta tuqamu qaba.

Ogeessiifi barsiisaan Yunivarsiitii St Gallen, Daani'eel Huerlimann, kaampanii maashina kana oomishe Sarco, jedhamuu kun seera Siwiiz cabse hin jiruu jedhe.

Adeemsa lubbuu baasuu haara kana ilaalchisee ogeeyyiin yaada mormii fi deeggarsaa dhiyeessaa jiru.

Maashiniin kun Siwiizarlaand keessatti hayyama yoo argate, saanduuqichi haala baratameen gurgurtaaf hin dhiyaatu.

Qoricha lubuu baasu kan kalaqe Dr Filiip Nitschke mirgi du'uu kan nama sanaa waan ta'eef hayyama ogeeyyii fayyaa hin barbaadu jechuun mugguta. Duula kanaafis moggaasa Dooktar du'aa (Dr. Death) jedhu argateera.

Namni dhuunfaan adeemsa lubbuu isaa baasuu yaada ogeeyyiin alatti ofii isaa akka hordofatu godhamuu qabas jedha.

Gosti saanduqa kanaa lama qophaaye kan jiru yoo ta'u inni sadaffaa ammoo Nezarlaandis keessatti qophaa'aa jira.

Oddeessaalee walfakkaatan: