Walabummaa Pireesii: Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa bakki gaazexessitoonni hidhaman jiran akka baramuuf gaafate

Madda suuraa, SM
Kibroom Warquu, Iyyaaspeed Tasfaayee, Taammiraat Nagaraafi Ma'aazaa Mahaammad
Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa gaazexessitoonni hidhaman eessa akka jiran baramee maatiifi gorsitoonni seeraa dubbisuu akka danda'aniif gaafate.
Komishinichi ibsa gaazexxeessitoota tibbana hidhaman ilaalchisuun baaseen, dhimma oggeeyyii miidiyaa hidhaarra jiranii kan Kibroom Warquu, Taamiraat Nagaraa, Ma'aazaa Mohaammad fi Iyyaaspeed Tasfaayee baruudhaaf qaamoolee dhimmisaa ilaallatu waliin dubbachuu ibseera.
Gulaalaa Raadiyoo Ahaaduu kan ta'e Kibroom Warquu baatii lamaaf hidhaarra turulleen dhimmisaa mana murtiitti osoo hin dhiyaatiin kan ture yoo ta'u, Iyyaaspeed Tasfaayee, Taamiraat Nagaraafi Ma'aazaa Mohaammad ammoo kan to'ataman torban darbne ture.
Maatiiwwan Kibroom Warquufi Taamiraat Nagaraa yeroo ammaa eddoosaanii jiraniifi haala keesatti argaman ilaalchisee ragaa omaa akka hinqabnee ibsuun, haalli nageenyasaanii isaan yaaddeessuu BBCtti himaniiru.
Oduu walfakkaatuun ammoo Poolisiin Federaalaa ''gaazexessitoota AP sadii kanneen garee Shane kan motummaan shororkeessaa jedheen waliin gaaffiifi deebii gochun sadarkaa addunyaatti beeksiisuun shakkeen'' jedhe to'achuu midiyaa biyya keessaa irratti beeksiiseera.
Gaazexessitoonni Amiir Amaan, Tomaas Ingidaafi Addisuu Mulunah jedhamuun TV irratti mul'ifaman garee Shanee waliin gaaffiifi deebii taasisuun ragaa gara biyya biraatti erguun to'annoo jala oolfamuu hime poolisiin.
Dhaabbanni AP ammoo gaazexessaan Amiir Amaan hojjataa isaa ta'uu himuun, atattamaan akka gadhiifamuuf gaafachuu ilaalchisee ibsa baaseera.
Komishinichi keessattuu Taamiraat Nagaraa guyyaa poolisiin to'atamee kaasee, akkasumas Kibroom Warquu erga mana murtiitiin mirgi wabii hayyamameefiin booda maatiin eddoo jiraniifi haala keessa jiran wallaaluun waan baayyee nama yaaddeessudha jedheera.
Itti dabaluun, haala yeroo labsii muddamaa keessattis ta'u namoonni yoo hidhaman eddoofi haalli keessa jiran maatiifi gorsitoota seeraatti beeksiifamuufi gaafatamuuf mirgi kennamuuf qabaata jedheera Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa.
Kanaaf, ''qaamooleen mootummaa dhimmisaa ilaallatu bakka hidhamtoota lamaan jiran atattamaan maatiifi gorsitoota seeraatti akka beeksisaniifi mirgi maatiin gaafatamusaanii akka kabajamu,' cimsuun gaafateera.
Labsiin yeroo muddamaa kun haala ulaagaalee mirga namoomaa kabajeen hojiirra oolfamuu akka qabu ilaalchisuun qaamooleen dhimmi ilaallatu itti dhiheenyaan akka hordofaniifi mirkanneessaniifis waamicha taasiseera.
Kana dura maatu jedhamee?
Torbee darbe keessa dhaabbatni mirga gaazexessitootaaf falmu CPJ'n biyyoota Sahaaraa gadii keessaa Itoophiyaan gaazexessitoota sagal hidhuun sadarkaa lammaffaarratti argamtii jechuun erga gabaasa baasee Finfinnee keessatti gaazexessitootni afur to'atamaniiru.
Kanneen torbee darbe qabaman keessaa kana jalqabaa hundeessitoota chaanaalii youtube, 'Ubuntu TV' jedhamuu kan ta'e dargaggoo Iyyaaspeed Tasfaayeedha. Iyyaaspeed Mudde torbe mana maatii isaa osoo jiruu qaamolee mootummaan qabame.
Itti aansee hundeessaa chaanaalii youtube 'Taraaraa Network' jedhamuuu kan ta'e gaazexessaa Taammiraat Nagaraati. Taammiraatis Mudde 10 mana jireenyaa isaatii qaamolee nageenyaa mootummaan qabamuu haatii warraan isaa BBC'tti himteetti.
Guyyaa tokko booda Mudde 11 ammoo gaazexessituu Ma'aazaa Mohaammad mana abbaa ishiitii osoo bahuutti jirtuu namoota poolisoota ta'uu himaniin qabamuu obboleettiin ishee mirkaneessiteetti.
Ji'a tokko dura to'annoo jala oolfamee kan tureefi Wiixata kaleessaa Poolisiin Mana Murtiitti dhiyaatee 'hiikameera'' yaada jedhu kan irratti kenname gaazexessaan raadiyoo ''Ahaaduu'' jedhamuu gaazexessaa Kibroom Warquu dabalatee kanneen torbee dare qabamanis garam jiruu jennee iyyaafanneerra.
Taammiraat Nagaraa
Taammiraat to'annoo jala erga oolee eegalee guyyoota draban shaniif garam akka jiru akka hin beekneefi buufatalee poolisiirra naanna'aniis bakka kana jira kan jedhu akka hin argamne haati warraa isaa Salaam Balaay BBC'tti himteetti.
Wiixata kaleessaa irra deebiin waajira qorannoo yakkaa poolisii federaalaa Meeksikootti argamuufi Poolisii Finfinnee deemtee gaafattus Taamiraat garam akka jiru nama akeekuu danda'ullee akka hin arganne dubbatte.
Poolisii Oromoo bira jira oduu jedhu dhagahanii godinaaalee addaa naannawaa Finfinnee jala magaalota jiran Sanbataa fi Dilbata dhaqanii barbaadanis hin arganne.
''Poolisii Oromiyaati erga nuun jedhanii, Komishinii Poolisii, qajeelcha poolisii, buufataalee Galaaniifi Buraayyuu fa'a irra naannofnee barbaanneerra'' kan jettu haati warraa isaa ''Asiif achi jechuurra wanti argame homtuu hin jiru'' jetti.
Gaaffii fi barbaadamee qaamolee nageenyaan fudhatamuurraa gaaffii akka hin qabne himtee bakki inni jiru beekamuu dhibuun garuu maatiif yaaddoo ta'uu dubbatte.
''Miseensa maatiif harkaa fudhatamee yeroo deemuufi eessa akka jiru beekuu dhabuun ulfaataadha.Ogeeyyii isa fuudhanii deeman yeroo gaafannu hin beeknu jedhu. Haadha tokkof eegdonni mootummaa ilma ishee fudhatanii eessa akka jiru himuu dhabuun maal jechuudha? jechuun gaafatti.
Maatiin isaanii yaaddoo keessa akka jiruufi komishinii mirga namoomaa dabalatatee dhaabbilee isaan ilaallatutti xalayaa erganus ammallee bakki jiru akka hin beekamnes dabaltee dubbatteetti.
Abbaan warraa ishee bakka jiru hanga beekamutti barbaacha ishee akka itti fuftus himti.
''Mootummaa garuu kan gaafannu, qorachuun mirga mootummaati. Garuu as jira jedhanii himuun, haatii ilma isheef nyaataafi uffata kennuun, abbaa warraa koo gaafachuun garuu mirga keenya. Lubbuun jiraa? yoo jiraate eessa jira? Lubbuun jiraachuu isaa beekuu barbaanna. Yoo hin jiru ta'es ifatti akka nutti himan feena'' jechuun Salaam ni gaafatti.
Kibroom Warquu
Kibroom raadiyoo Ahaaduu jedhamurratti sagantaalee bashannansiisoo dhiyeessuun beekama. Kibroom ji'a Onkololessaa keessa ''hokkoraa fi jeequmsa kaasuu'' yakka jedhuun shakkamee kan to'annoo jala oole yoo ta'u, kunis magaalaan Hayiq harka finciltoota TPLF jala galteetti gabaasa jedhu hojjechuu isaatiin booda.
BBC'n abbaa Kibroom bilbilaan kan dubbise yeroo ta'u, Kibroom jalqaba kan hidhamee ture soostanya Poolis Xaabiyaa bakka jedhamu akka tureefi dhaqanii gaafahaa fi halaalaa dubbisaas akka turan dubbatan.
Haata'u malee Manni Murtii Sadaasa 17 wabii qarshii kuma 15'n akka gadhiifamu murteessee isaanis maallaqicha kaffaluu himu. Torban tokkoof ni hiikama jedhanii eeganis, osoo hin hiikamiin hafuu isaatiin iyyata galfatanis poolisiin oliyyachuufi innis hidhaa turuu hubatan.
Maanni Murtii irra deebiin oliyyannoo poolisii kufaa gochuun akka hiikamu murteessus ilmi isaanii akka hin hiikamne himan.
''Yeroo isaan rakkisnu ni hiikama jedhan. Achiis yeroo hiikamu fudhachuuf waraqaa eenyummaa koo kenneen wantoota mallatteeffaman mallatteesse. Alatti eegi naan jedhan. Haata'u malee minibaasiin fudhatanii sokkan'' jedhu.
Iyyatni qaama ofii bilisa baasuu Mana Murtii Federaalaa sadarkaa jalqabaaf dhiyaatee ture dhaddachi iyyaticha kufaa godhee akka ture miidiyaaleen biyya keessaa gabaasaniiru.
Maatiin Kibroom iyyata ol iyyannoo isaaniii Mana murtii Olaanaatti dhiyeessanii guyyaa Wiixataa darbe dhimma isaanii irratti Poolisiin maaliif Kibroomiin akka hin gadhiifne dhiyaatee akka hubachiisu ajaja dabarsee ture.
Poolisiin deebii barreefamaan dhiyeesseen Kibroomiin Sadaasa 17, 2021gadhiiseen jiraa jedha. Poolisiin kan haa jedhu malee abbaan Kibroom dhaddacha irratti dhiyaachuun ilmi isaanii akka hin hiikaneefi erga arganiis ji'a tokko guutuuf akka jedhu ibsaniiru.
Waayee ilma isaanii Komishinii Mirga Namoomaa Itoophiyaafi dhaabbata Abbagaar Uummataaf komii dhiyeessanii hanga ammaa deebii akka hin arganne BBC'tti himaniiru.
Kibroom yaala baqaqasanii waldhaanuu raawwatameefii ture. Nyaatas ta'e bakka ciisaan eeggannoon godhamuufi qaba. Ammaa booda abdiin keenya uumaa qofa'' jechuun haala fayyaa Kibroom ibsaniiru.
Iyyaaspeed Tasfaayee
Iyyaaspeed guyyaa to'annoo jala oolfame gara waajjira miidiyaa Ubuuntuu jedhamuu geeffamee sakatta'iinsi erga godhamee booda, poolisoonni kaameeraa dabalatee meeshaalee gara garaa fudhatanii akka deeman waahillan isaa BBCtti himaniiru.
Dabalataan Iyyaaspeed waajjira poolisii Soostanyaa jedhamu akka jiruu fi Dilbataa fi Kibxata hiriyooti isaa dhaqanii akka isa dubbisan barameera.
Madda suuraa, Iyyaaspeed Tasfaaye
Erga to'annoo jala oolfamee guyyoota torba guutus mana murtiitti akka hin dhiyaanne, yaaliin maatiin isaa abukaatoo dhaabuufiif godhanis akka hin milkaa'iin harmeen isaa ni himu.
Kan hidhame labsii yeroo muddamaan wal qabatee waan ta'eef abukaatoo dhaabuufi hin dandeessan jedhamne jedhu.
Ma'aazaa Mohaammad
Gaazexeessituu Ma'aazaa Mohaammad to'annoo jala erga ooltee booda manni jireenyaa fi waajjirri ishii sakatta'amu maatiin ishee BBCtti himaniiru.
Erga hundaa'ee yeroo gabaabaa kan ta'ee fi reefu viidiyoowwan lama qofa toora Youtube irratti kan gadhiise miidiyaan Ma'aazaan hundeessite Roohaa Miidiyaa sakatta'amee hardi diiskiiwwan koompiitaraa fi meeshaaleen biroo poolisotaan fudhatameera.
Obboleessii Ma'aazaa Yusuuf Mohaammad akka jedhutti Dilbata ganama maatiin buufata poolisii Soostanyaa dhaqanii Ma'aazaa dubbisaniiru.
Barsiisummaan hojii kan eegalte Ma'aazaan hanga diigamuutti miseensa paartii Samayaawii akka turte hima obboleessi ishii.
Boodarra Abbaay Miidiyaatti dabalamuun hojjechaa turte.
Erga yeroo dhiyoo as hojii miidiyaa caalaa hojii tola ooltummaa irratti xiyyeeffattee akka turte kan himu Yusuuf, hidhamuu ishii guyyaa tokko dura buufata poolisii amma itti hidhamte dhaqxee hidhamtoota gaafachaa turte jedha.
Lola Kaaba Itoophiyaatiin wal qabatee dubartoota naannoo Amaaraa keessatti gudeedaman dubbisuu fi gargaarsa fuutee garas imaltee hiraafi akka turtes ni dubbata.
Sakatta'iinsa bakka hojii isheetti godhameefi meeshaalee poolisiin ragaaf fudhaterraa ka'uun garuu kan hidhamte hojii gaazexeessummaan wal qabachuu akka hin oolle hima.
Amma dura mana murtiitti akka hin dhiyaannee fi abukaatoon akka hin dhaabbatiinif jirus himeera.
Ma'aazaan haaadha mucaa ta'uurratti dabalataan maatii ishee adda durummaan kan deeggaru ishee waan taateef hidhamuun ishii maatiirratti dhiibbaa qabaachuus hime.
Mirga gaazexeessitootaaf kan falmu CPJn maal jedhe?
Torbee darbe keessa gabaasaaleen gaazexeessitoonni miidiyaa Youtube irratti tamsa'urra hojjetan hedduun hidhamuu mul'isu isaan gahuu kan himan biyyoota Sahaaraa gadiitti bakka buutuun CPJ Mutuukii Muumoo "dhimmichi daran rifaasisaadha" jedhan.
"Gabaasaalee kana qorachaa jirra. Erga labsiin yeroo muddamaa labsamee as hidhaan gaazexeessitootaa cimee itti fufeera. Kan tibbana argaa jirrus kanuma. Aanga'ootni gaazexeessitoota hidhaman akka hiikan, rakkoo baay'ee kan qabu labsii yeroo muddamaa hojii miidiyaa ukkaamsuuf ittii fayyadamuu akka dhaaban gaafanna," jedhan.
Itti dabaluunis mootummaan gaazexeessitoonni wayita hojii isaanii hojjetan eegumsa godhuufii malee haleelaa irratti raawwachuu hin qaban jedhan.
"Haata'u malee gaazexeessitoonnis wayita hojii isaanii hojjetan rakkoo isaanitti fiduu danda'u xiinxaluun, ofii isaaniis ta'e maddeen isaanii balaan akka irra hin geenye of eeggannoo akka godhan jajjabeessina" jedhan Aadde Mutuukiin.Gaazexeessitoonni hojii isaaniin walqabatee sodaa yoo qabataan marsariitii CPJ irraa gorsawwan afaanota Itoophiyaatti hiikaman, akkasumas fuulaa fuulatti gorsa argachuu akka danda'an himaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa dhimma hidhamuu gaazexeessitoota kanaarratti amma dura ibsi kenne hin jiru.
Yaaliin waa'ee hidhaa gaazexeessitoota kanaa fi haala keessa jiran BBCn poolisii fi qaama mootummaa dhimmichi ilaallaturraa qulqulleeffachuuf godhes hin milkoofne.