Keentaakiitti: Balaa bubbee cimaa US Keentaakiitti qaqqabeen namoonni 84 caalan du'an

Erga balaan obomboleetii tornaado Keentaakii keessatti mudateen booda

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa,

Erga balaan obomboleetii tornaado Keentaakii keessatti mudateen booda

Balaa bubbee cimaa US bulchiinsa Keentaakiifi kaaniitti qaqabeen namoonni 84 ol du'uufi lakkoofsi kun 100 ol caaluu akka hin ollee aanga'oonni himan.

Pirezidaantiin US Joo Baayidan jiddugala biyyattii balaa bubbee tornaadoo jedhamuutiin barbadaa'ee gargaaruuf motummaansaanii waan danda'amu hunda ni taasisa jedhan.

Baayidan bulchiinsa Keentaakii kan garmalee balaa kanaan miidhamteef fandii gadhiisuuf, Seera Balaa Yeroo Tasaa Federaalaa mallatteessan.

Balaan qaqabees seenaa Ameerikaa keessaatti isa hamaadhas jedhan.

Balaa alkan Jimaataa qaqqabe kanaan Keentaakii keessatti kanneen warshaa shaamaa keessa hojjataa turan dabalatee, namoonni 84 ajjeeffamuufi lakkoofsi namoota du'anii kun 100 caaluu akka danda'u himamee ture.

Gareewwaan hojjattoota balaa tasaa magaalaa Maayfiild kan balaa kanaan kallattiin miidhamteetti lubbuun yoo hafeef jijjigaa jala barbaadaa jiru.

Namoota warshaa shaamaa keessaa hojjataa turan 110 keessaa 40 lubbuun oolfamu saanii bulchaan bulchiinsa Keentaakii Andii Biishiir himan. Kana booda namni wayii lubbuun yoo argame raajii ta'as jedhan.

Magaalaa Maayfildittii buufataaleen pooliisii diigamuun meeshaaleen ittiin balaa ibiddaa ittisan waan barbadaa'eefu aanga'oonni haala rakkisaa cimaa keessa jiraachutu himama.

Bulchiinsicha keessatti namoonni kuma kudhaniin lakkaa'amanis tajaajila ibsaafi bishaan ala ta'aniiru.

Kanneen mana kuusaa Amaazoon keessaatti du'an jaha dabalatee, yoo xinnaate namoonni 12 ammoo bulchiinsawwan biraa keessatti balaadhuma obomboleettii kanaatiin du'uutu himame.

Madda suuraa, Getty Images

Baayidan kanneen maatiisaanii dhabaniifi kanneen eessa buuteensaanii hin bariin hundaaf kadhannaa gadhaniiru.

''Mootummaan federaalaatii gargaaruuf kan danda'amuuf hunda ni taasisa. Kana keessa darbuufis waliin imalla jedhan,'' jedhan Baayidan.

Kana malees gareewwan balaa yeroo tasaa Dilabata har'aa gara buulchiinsa Keentaakiitti imaluun deeggarsa dabalataa akka taasisan himan.

Ibsa waa'ee viidiyoo,

Pirezidaantiin US Joo Baayidan miidhamtoota toornaadootiif deeggarsi taasisan

Akkasumas bulchiinsoota miidhaan kun irra gahee kanneen akka Miisourii, Arkaansaas, Iliinoos, Teenees fi Misiisiippiitiifis yoo barbaadan fandiin yeroo tasaa jiraachu himan.

Obbo Biishiir bulchiinsa Keentaakiitti labsii yeroo muddamaa labsaniiru. Magaalaa Maayfiild dabalatee kanneen sarara oboonboleetti kanarra km 365 argaman, Keentaakii keessatti hanga guutuummaan jechisiisuun barbadaa'uu himan bulchaan kun.

''Kunis kanana kanaan dura argee hinbeekneefi amanuuf kan nama rakkisuudha,'' jedhan. "Qaamawwan gammoo indastirii, baaxii ykn keenyaasaanii mukeen keessatti agarta, isaafuu yoo mukeen carroomuun kan dhaabbatanii jiran ta'e,'' jedhan.

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa,

Qondaaltoonni magaalaa Maayifiildii akka balaa kanaan gara ''lafa ziirootti'' jijjirameetti ibsan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa,

Baabuurriileen bubbee hamaa kanaan akkasiin bittinnaa'ee

"Utuubaawwan sibiilaa gurguddaan kan hincabiin yoo ta'e walakkaatti dacha'aniiru, gamoowwan bakkasaanii hinjiran, konkoolaataawwan gurguddaan kaafamuun furgugfamaniiru. Baayyeen kana nama gaddisiisuu manneen namoonni keessa akka turan amanamu hundi barbadaa'aniiru.''

''Maatiiwwan hedduu kadhannaa keessan barbaadanitu jiru,'' jedhan bulchaan kun.

Duutii kaawuuntiiwwan hedduu keessatti gabaafameera garuu kan warshaa Maayfiildii keessatti qaqabee hunda caala. Wayita balaan kun qaqabeetti namoota 100 ol ta'u warshichaa keessa akka turan Obbo Biishiir dubbatan.

Hanga ammaatti namoonni 40 ta'an warshicha keessaa kan baraaraman yoo ta'u, kaanis lubbuun akka argamaniif waaqa kadhaachaa jiraachu himuun, garuu kana booda abdiin namoota lubbuun argachu ''baayyee gadaanaadha'' jedhan.

Odeessaalee walfakkaatu: