Waraana Itoophiyaa: Magaalaan Laaliibalaa deebitee harka finciltootaa galuun gabaafame

Madda suuraa, AFP
Finciltoonni TPLF deebiisanii magaalaa Laalibalaa to'achuusaanii jiraattoonni himuu maddeen oduu AFP fi Rooyitarsi gabaasan.
Finciltoonni deebisanii wayita magaalaa hambaawwan seenaa UNESCO'tti galmaa'an keessaa tokko taate to'ataniitti dhukaasni omaatu akka hinturree gabaafame.
Laalibalaan magalaa bakka argama bataskaanawwan dhagaarraa boocamanii yoo taatu, baatii Haggayyaa keessa ture humnootii Tigraayiin to'atamtee kan turete. Haata'u malee, erga humnootii federaalaatiin irraa fudhatamee guyyoota 11 booda deebisanii to'atan.
Humnootiin federaalaa waraana waggaa tokkoof gaggeeffamuun balaa namoomaa qaqqabsiiseen dhiheenya keessaa injiifannoowwan galmaassaa turan.
Kaabni biyyattii, Tigraay, Amaaraafi Affaar keessatti namoonni miiliyoona sagalii ol ta'an nyaanni ariifachiisaan dhiyaachuufiif akka barbaachisu UN himeera.
Namni ijaan arge tokko madda oduu Rooyitarsiitti akka himeetti, humnootiin mootummaa federaalaa waliin waraanan halkan gaafa Sanbataa irraa kaasuun Laalibalaa dhiisanii bahaa turan.
''Kanneen hafan Dilbata ganama bahan. Dhukaasaa kan fageenyaarraa dhageenye halkan duraa ture garuu humnootiin TPLF dhukaasaa tokko malee deebisanii magaalaa Laalibalaa to'atan,'' jedhan namni kun.
Addi Bilisa Baasaa Tigraay (TPLF) jedheera jechuun maddi oduu AFP akka gabaaseetti, magaalaa Gaashanaa kan dhiheenya Laalibalaatti argamtu dabalatee deebisanii haleeluu bal'aa'' gaggeessaa jirra jedhan.
Dubbii himaan TPLF Geetaachoo Raddaa toora tiwiitara isaanitiin ''Humnootiin keenyaa waan baayyee, baayyee, baayyee gaarii ta'e raawwataa jiru!'' jedhan.
Dhimma kanarratti hanga ammaattii gama mootummaatiin yaadni kenname omtuu hin jiru. Garuu Sanbata darbe waajjirri MM Itoophiyaa Abiy Ahimad karaa tiwiitaraatiin, Abiy gara adda waraanaatti deebi'uufi humnootiin federaalaas daandii gara Maqalee geessuurratti magaaloota tarsimoowaa ta'e hedduu to'achuu himee ture.
Torban darbe, jiraattonni Laalibalaa AFPn dubbisee loltoonni TPLF bakka qulqulluu naannoo Amaaraa keessatti argamu kanaaf eegumsa taasisanilleen ummata magaalatiif garuu jireenyi rakkisaa ture jedhan.
Finciltoonni irra deebiin nyaataafi bilbila mobaayilii barbaadu. Akkasumas, kuusaa qorichaa hataniiru jechuun AFP kan gabaase.
Jiraataan tokko namoonni baayyeen magaalattii gadhiisanii bahaa jiru, ''tarii haaloo bahuu danda'u jechuun waan yaadaniif. Duraan yoo Tigroonni bahan gammachuu keenya ibsannee turre,'' jedhan Dilbata.
MM Abiy erga humnootiin TPLF buufata waraanaa mootummaa federaalaa kan kaaba biyyattii irratti haleellaa raawwataniiru jedhaniin booda waraana gara naannoo Tigraayiitti ergan.
Isaan boodas waraana torbanoota muraasa gaggeessaniin magaalaa Maqalaa to'atanii ture humnoonni federaalaa.
Haata'u malee, Waxabajjii keessaa ammoo finciltoonni cimuun deebi'anii naannoo Tigraay qabachuun gara naannoolee ollaa Amaaraafi Affaariitti babalifachuu eegalan.
Finciiltoonni gara magaalaa guddoo Finfinneetti dhiyaachaa dhufuunsaanii biyyoota akka UK, US fi kaan hedduu yaaddeessuun lammileensaan Itoophiyaa keessaa akka bahaniif kan gaafatanis baatii darbe keessa.
Erga yeroo sanaatii kaasee, waraanni feedeeraalaa magaaloota baayyee daandii gara Finfinneetti geessuu irratti argaman deebiisee to'ate.