Pireezdantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaa koronaavaayirasiin qabaman

Madda suuraa, Getty Images
Pireezdantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaafoosaan Covid-19'n qabamuu waajjirri isaanii kaleessa galgala ibseera.
Dilbata kaleessaa galgala Covid'n qabamuunsaanii kan ibsame Raamaafoosaan, miirri dhukkubbii giddu-galeessa ta'e akka itti dhagahamaa jiru waajjirri isaanii dabaluun himeera.
Pireezdantichatti miirri dhukkubbii kan itti dhagahamuu jalqabe, yaadannoo pireezdantii duraanii Dee Kilaarkiif taasifamurratti argamuuf wayita sochii eegalanittidha.
Dhiyeenya kana du'aan addunyaa kanarraa kan boqotan Pireezdantiin duraanii Afrikaa Kibbaa Dee Kilaark, biyyattiitti pireezdantii adii kan dhumaa turan.
Raamaafoosaan koronaavaayirasiin qabamuunsaanii erga baramee booda wiirtuu wal'aansa fayyaa Raayyaa Ittisaa biyyattiitti wal'aanamaa jiraachuu waajjirri isaanii ibseera.
"Amma akka mishaa jiru,'' jechuun pireezdantichi koronaavaayirasiin qabamuu fi amma fayyummaansaanii haala gaariirra jiraachuu waajjirri isaanii tiwiitarii isaarratti barreesse.
Talaallii guutuu kan fudhatanii turan Raamaafoosaan, amma kunoo qabamanii magaalaa Keeptaawaon keessatti addatti ba'anii jiru, itti aanaansaanii Deeviid Maabuuzaa ammoo bakkasaanii bu'ee pireezdantummaan tajaajilaa jira.
Tibbana gara biyyoota lixa afrikaa daawwannaaf imalanii kan turan Raamaafoosaan, isaan qofa osoo hin taane tuutni isaan waliin turan hundinuu qorannoo Covid taasisanii turan.
Pireezdantichi daawwannaa tibbana Seenegaalitti taasisan xumuranii wayita Johaanisbargitti deebi'an fayyaa turan.
Pireezdanti raamaafoosaan akkas jedhan: ''An dhukkubichaan qabamuun koo uummata Afrikaa Kibbaaf barnoota akka ta'ee fi akka talaalaman dhaamuufiin barbaada.''
Namoonni pireezdanticha waliin tuttuqqaa qabaachaa turan akka adda of-baasan fi mallattoo dhukkubichaa itti dhiyeenyaan akka hordofu waajjirri pireezdantichaa ibseera.
Saayintistoonni Afrikaa Kibbaa dhiyeenya kana akaakuu koronaavaayirasii haarawa Omicron jedhamu argachuun addunyaaf beeksisaniiru.
Weerara vaayirasichaa marsaa afraffaan rukutamuuf deemaa kan jirtu Afrikaan Kibbaa, sababa akaakuun vaayirasii haarofti kun keessatti mul'ateef jecha uggurri imalaa guddoo ishee mudateera.
Dhiyeenya kana Pireezdanti Raamaafoosaan sababa doktaroonni Afrikaa Kibbaa akaakuu vaayirasii haaraan mul'achuu addunyaaf ibsaniif jecha uggurri imalaa isaanirra kaa'amuun sirrii akka hin taane dubbataa turan.