Waldaan gaazexeessitoota Naannoo Somaalee hojjettoota TV Nabad afur wabiin hidhaa baase

Madda suuraa, Nabad tv
Waldaan Gaazexessitoota Naannoo Somaalee miseensoota isaa hojjettoota TV Nabad ta'an afur birrii kuma 80 wabiif liiqeeffachuun qabsiisee mana hidhaatii gadhiisisuu ibse.
Gaazexeessitoonni afur TV Nabd kan Afaan Somaaleetiin magaalaa Jigjigaatti dhaggeeffattoota bira gahaa ture keessa hojjatan torbanootaan dura mootummaan to'atamanii ture.
Waldichi maallaqa wabiin qabsiisuun miseensootasaa gadhiisisuuf isa barbaachisu birrii kuma 80 abbootii qabeenyaa magaalattiirraa liqeeffachuun Jimaata darbe akka gadhiifaman gochuu BBCtti himeera.
A L I Saadaasa 1, 2014 ture gaazexeessitoonni Ibraahiim Huseen, Salmaan Muktaar, Muhaammad Qaasiim fi Hiirsoo Mohaammad jedhaman to'annoo jala oolfamanii kan ture.
A L I Sadaasa 3, 2014 mana murtiitti dhiyaatanii kan turan gaazexessitoonni kunneen guyyaa dabalataa 10 poolisiin qorannoof gaafatee hayyamamuun hidhaarra turan.
Jidduutti osoo guyyoota 10 jedhame san hinguutiin dura guyyoota afuriin booda poolisiin mana murtiitti dhiyeessuulleen, galmeessaanii waan hindhiyaanneef dhimmisaanii osoo hin ilaalamiin hafuu dhimmasaanii itti dhiheenyaan kan hordofaa ture miseensi Waldichaa Abdirazaaq Sheek Hasan dubbateera.
Ittaansuunis Wiixata Sadaasa 27 hanga Roobiitti walitti fufinsaan maan murtiitti dhiyaachuun, abbaan alangaa dhaddachaaf himannaa dhiyeessuu Abdirazaaq ni dubbata.
Guyyaa Roobii gaazexeessitoonni mirga wabii gaafachuufi abbaan alangaas yoo wabiin bahan mormii akka hinqabne dhaddachatti waan himeef akka gadhiifaman murtaa'uu hima.
Waldaan gaazexeessitoota naannichaa jarreen kanneeniif abbookaatoo dhaabuu dabalatee dhimmsaanii itti dhiyeenyaan hordofaa tures, wabii birrii kuma 20 tokko tokkoosaanitiif gaafatame namoota dhuunfaa irraa liiqeeffachuun kaffaluu gaazeexessitoonni kunneen Jimaataa hidhaa bahuu pirezidaantiin waldichaa Ayaan Shikurii Osmaan BBCtti himan.
Mindeessaan baasiiwwan gaazexeessitoota waliin walqabatee jiruu baasuu osoo qabaatuu isin attamiin abbokaatoofi wabiidhaaf kaffaluuf dandeessan? gaaffiin jedhu Ayaaniif dhiyaatee ture.
"Nuti akka waldaa gaazexeessitoota naannoo Somaaleetti gaazexeessaan kamiyyuu itti-gaafatamummaa isaa akka bahuuf mirgasaa eegsisuuf dirqama qabna. Kanaaf, filannee kan goone osoo hintaane dirqama keenya bahaa jirra,'' jechuu dubbatan Ayaan.
" Dandeettii qabaachuu baannulleen waldaa seera qabeessaafi cimaa waan taaneef maallaqa wabiif nu barbaachisu liiqaan argachuun miseensoota keenya gadhiisisuu dandeenyeerra. Dhiheenyattis miseensoonni akka walitti busan gochuun galii walitti qabna,'' jedhan Ayaan.
Hojji-gaggeessituu TV Nabd duraaniifi abbaa qabeenyaa buufatichaa ta'uun kan himamu abbaan Ministirri duraanii Dhimma Dubartoota, Daa'immaniifi Dargaggootaa Aadde Fiilsan Abdulaahii, Obbo Abdulaahii, biratti irra deddeebiin bilbillulleen argachuu hindandeenye.
Obbo Abdulaahii fi gaazexeessitoota arfan kanneen hidhaaf kan saaxile qabiyyee buufatichaan dabarfame jedhamunsaa ni yaadatama.
Obbo Abdulaahiin guyyaa tokkoon booda gadhiifamusaanii karaa toora miidiyaa hawaasaan beeksisanii ture.
Waldaan gaazexeesitoota naannichaa hidhamuu gaazexeessitoota kanneenii hordoofee, ''tarkaanfiichi babal'achuu miidiyaa fooyya'aa jiru qucaarsa. Mootummaan bilisummaa miidiyaalee sabaa himaa yaa kabaju, kanneen hidhaman yaa gadhiifaman, akkasumas buufatichi gara hojiisaatti yaa deebii'u," jechuun gaafatee ture.
Dureen waldichaa Ayaan irra deebiin mootummaa mirga gaazexeessitootaa akka kabaju, waldaaleen gaazexeessitootaa Itoophiyaa guutuutti argaman ammoo gaheesaanii akka bahaniif gaafataniiru.
Odeessaalee walfakkaata:
- Gaazexessituu Ma'aazaa Mahaammad 'bakka jirtu hin beeknu'
- 'Iyyaaspeed na wal'aanaa osoo jiruu manatti ol lixanii fudhatan' - Harmee Iyyaaspeed
- Gaazexeessitoonni afur naannoo Somaaleetti hidhaman mana murtiitti dhihaatan
- Fayyadamni miidiyaalee hawaasaa akkamiin waraana Itoophiyaa hammeesse?
- TV walitti bu’insi naannolee Somaaleefi Oromiyaa hundaa’uuf sababa ta’eef