Obomboleettiin US, bulchiinsa Keetakii mudate hanga namoota 100 galaafate

Maatii balaa kanaan miidhaman

Madda suuraa, Reuters

Obomboleettiin jabaa US bulchiinsa Keentaakii mudate lubbuu namoota 100 olii dabarsuu akka hin oolle aanga'ootni beeksisan.

Carraan namoota balaa kanarraa lubbuun oolan argachuus xiqqaachaa jira.

Andy Beshear obomboleettiin hamaan kun seenaa isteeta Keentakii keessatti isa hammaataadha jedhee hanga ammaa namootni 80 du'uun mirkanaa'uu himeera.

Obomboleettii kanaan bulchiinsota biroo afur keessattis namootni 14 du'uun gabaasameera.

Pireezidantiin Ameerikaa Joo Baayidan Isteeta Keentakii keessatti labsii yeroo balaa federalaa kan labsan yeroo ta'u, deeggarsi federaalaas naannolee akkan miidhaman akka gahu ajajaniiru.

Lubbuu baraartotni jijiigaa manneenii fi gamoowwanii jalaa nama oolchuuf yoo yaalan, miseensonni 'National Guard' wantoota jijjigan sirreessuuf aman amanarra naanna'aa jiru.

Magaalaa Mayfield kan balaa kanaan daran miidhamte kan daawwatan bulchaan isteetichaa ''raajiidhaan namoota dabalataa lubbuun argachuuf abdii horannee hojjechaa jirra'' jedhan.

Haata'u malee erga Sanbata ganamaa namni haaraan lubbuun argame hin jiru.

Beshear akka jedhanitti obomboleettii km 365 imalee keessa naannolee jiranitti manneen jiraattotaa kumaan lakkaawwamu barbadaa'eera. Lakkofsi inni sirriin garuu hanga ammaa hin beekamne.

Obomboleettii hamaa waqxii ammaa kanatti hin eegamneen magaala Mayfield keessa daawwatiin hin caacbne arguun hin yaadamu jedhan kantiibaanmagaalittii Kathy Stewart.

Bara 1925 obomboleettiin akkaan hamaadha jedhame Mizuuriitti km 352 imalee ture lubbuu namoota 659 kan galaafateera.