Dubartoonni doktara garee jimnaastikii US'n miidhaman $380m argachuuf

Mirgarraa Olompikiin warqee kan moo'attee Mckaaylaa Maaronee fi Siimoon Bilees namoota miidhaan kun irra gahe kanneen beekamtii guddaa qaban keessaayi

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Mirgarraa Olompikii warqee kan moo'atte Mckaaylaa Maaronee fi Siimoon Bilees namoota miidhaan kun irra gahe kanneen beekamtii guddaa qaban keessaayi

Dubartoota dhibbaan lakkaa'aman kanneen hakimii garee jimnaastikii lammii US duraanii Laarii Naasaar'n miidhaan irra gahe, erga Jimnaastikii USA waliin waliigaltee irra gahaniin booda beenyaa doolaara miiliyoona 380 argachuuf.

Dhimmi adeemsa seeraa kunis waggaa shaniin booda kan xumurameedha.

Naasaar miidhaa dubartoota jimnaastiikii irraan gaheef hidhaa waggaa 300 oliin akka adabamu kan itti murtaa'e bara 2018 ture.

Atileetoonni kanneen meedaalii Olompikii injifatan dabalatee waa'ee miidhaa saalaa Naasaar kana irratti ragaa bahanii ture.

Haaluma waliigaltee Jiimnaastikii USA fi Koree Olompiikii jidduutti miidhamtootaaf teessuumawwan boordii kennuuf taasifameen, beenyaan dhima miidhaa salaatiin walqabatee isa guddaadha jedhame kun murtaa'eera.

Raacheel Denholaandar kan bara 2016tti yeroo jalqabaatiif ifatti Naasaar irratti himannaa bante, murtee kana oduu gaarii ta'u Tiwitara irratti, ''Boqonnaan kunis dhumaratti cufameera'' jette jirti.

Itti dabaluunis ''Amma hojii cimaan haaromsuufi deebiisanii ijaaruu eegalu danda'a. Haqni dhufuus ykn dhiisuus, jijjiramni ta'ee waan ittaanee dhufu ittarri hundaa'a'' jetti.

Beenyaan kunis himannaawwan injifattoonni warqee Oloompiikii Simoone Biles, Aly Raismaan fi McKayla Marone fa'i dabalata.

Walumaa galatti Naasaar dubartootaafi dhamarran Jimnaastiikii USA fi Yunivarsitii Bulchiinsa Michigaan 330 oliin miidhaa saalaatiin himatame.

Gabaasa qorannoo FBI keessaa kan Hagayya darbee maxxanfameen, ergamtoota FBIn gochaawwan sadarkaa darbuu, tusiisuu fi dhoksuu hedduutuu ture. Kunis erguma himannaan jalqabaa eegalameen boodas Naasaar akka miidhaa raawwatu baatiiwwan hedduuf itti fufuu gargaareera jedha.

Abookaatoowwan miidhamtoota bakka bu'es murtee Wiixataa kanaan ''seena qabeessa'' jechuun garuu, qondaaltoota qorannicha taasisuu didan irratti ammas ''haqa ni gaafanna'' jedhan.

Abookaatoo Joon C Maanliin dubartoota ifatti ragaa bahaniif kabaja kennera. ''Sababii xiqqoo tokkootiin milkoofne, innis cimiinaafi ilaalchi miidhaamtootaati'' jedhan.

Jimnaastikiin USA bara 2018 keessa wayita himannaan Naasaar irratti dhiyaatu cimaa dhufu ture kan maalaqa akka hin qabne labsate.

Erga murtee kun dabarfameen booda ibsa kennameen, Jiimnaastiikiin USA ''miidhaa fi dararama kanneen haleellaan saalaa kun irra gahee keessa dabartaniif baayyee dhiifama'' jedheera.

''Miidhamtoonni dhuunfaafi gareedhaan miidhaa ispoortii keessa jiruu akka gara fuulduraa geeddaramuuf sochii taasisan. Nutis isaaniifi hawaasa jiimnaastiikii waliin hojjachuun, nageenya, fayyaa fi nagummaa hawaasa atileetiiwwan keenyaa hunda caalaa mirkanneessuuf kattanneera,'' jedhe Pirezidaantiin Jiimnaastikii USA Li LI Leung.

Walumaagalattis beenyaan doolaara miliyoona 880 dhimma kanaaf akka kanfalamu kan murtaa'ee yoo ta'u isa keessaa Yunivarsitiin Bulchiinsa Miichigaan 2018tti dolaara miliyoona 500 kanfaluuf waliigalee ture.

Ibsa waa'ee viidiyoo,

Atileetoonni Olompiikii sirnichatu kanaaf nu saaxilee jedhan