Gaanaan xiyyaara namoota hin talaalamne biyyashee seensisu adabuu eegalte

Madda suuraa, AFP
Akka qondaaltonni Gaanaa jedhanitti, xiyyaarri kamiyyuu lammiilee alaa talaallii hin fudhatin jiran gara biyyasaanii yoo seensise tokko tokkoon imaltootaa irratti doolaaraa Ameerikaa 3,500 adabama.
Daandiiwwan balaliinsaa hundinuu imaltoonni isaanii unka mirkaneessa fayyummaasaanii guutanii imaluu akka qaban mirkaneeffachuu qabas jedhan.
Qajeelfamni Kibxata har'aa irraa eegalee guutummaa biyyattiitti hojiirra oolu kun akaakuu koronaavaayirasii haaraa Omicron jedhamu qolachuuf ta'uu qondaaltonni fayyaa biyyattii dubbatan.
Namni biyya alaatii Gaanaa daawwachuuf seenu kamuu talaallii koronaavaayirasii hin fudhanne taanaan gara biyyattii seenuu akka hin dandeenye kan dhorku seerri haaraan kun, Wiixata kaleessaa akka hojiitti hiikamu murtaa'e.
Lammiileen Gaanaa biyya keessaa fi biyya alaa jiraatan garuu torbee lamaan dhufuuf dhorkaa kaa'amerraa bilisa ta'u, garuu wayita buufata xiyyaaraa ga'na talaalalmu.
Yeroo ammaa tatamsa'inni vaayirasichaa hammaachaa jiraachuutti kan yaaddoftu Gaanaan, imaltoonni hundinuu waraqaa ragaa vaayirasicharraa bilisa ta'uu agarsiisu qabachuu akka qabanii fi wayita buufata xiyyaaraa ga'anis akka qorataman dirqamsiisti.
Gaanaan uummata miiliyoona 30 qabdu keessaa dhibbeentaa 10 qofaaf talaallii kennite.
Ji'a dhufurraa kaasee talaalamuun hojjettoota mootummaa, ogeeyyii fayyaa fi barattoota biratti dirqama ta'a jedhe mootummaan biyyattii.
Torbee lamaan darban keessatti tatamsa'ina vaayirasichaa biyyattii keessatti mudate keessaa naannoo buufata xiyyaaraatti kan mudate dhibbeentaa 60 qabata.