Torban tokko keessatti taphattoonni Pirimiyer Liigii Ingiliz 42 Covidn qabaman

Kubbaa piriimyer Liigii

Madda suuraa, Getty Images

Torban tokko keessatti taphattonni Piriimiyer Liigii Ingiliz 42 ta'an koronaavaayirasiin qabamuunsaanii sagantaan tapha kilabootaa akka jijjiiramuu dirqamsiiseera.

Torbee darbe kana keessa taphattoonni fi hojjettoonni Piriimiyer Liigii Ingilizii 42 koronaavaayirasiin qabamuun lakkoofsa namoota yeroo gabaabaa keessatti liigicha keessatti dhibee kanaan qabamanii isa olaanaa taasisa.

Amajjii darbe keessa namoonni 40 ta'an koronaavaayirasiin qabamuun erga galmaa'ee as kun isa olaanaadha.

Kilaboonni taphattoonni isaanii qabamuu ibsan Biraayitan, Tootenhaam, Leestar, Maanchistar Yunaayitid, Astonviilaa fi Noorwich yoo ta'an sababa kanaanis taphni Maanchistar Yunaayid fi Bireentfoord gidduutti gaggeeffamuuf ture yeroo biraatti dabarfameera.

Taphni Tootenhaam fi Biraayitan gidduutti Dilbata taphatamuuf qabamee tures sababuma kanaan yeroo biraatti dabarfameera.

Akaakuun koronaavaayirasiin haarofti Ingiliz keessatti mul'achuusaatiin tarkaanfiiwwan of-eeggannoo cimuu hordofee taphattoonni Piriimiyer Liigii Ingiliz Kamisa darberraa eegalanii maskii uffachuu fi fageenya walirraa eeggachuu dabalatee tarkaanfiiwwan ittisa Covid-19 hojiitti hiikuu akka qaban itti himameera.

Liigichi ibsa Wiixata kaleessaa baaseen qorannoon taphattootaa fi hojjettootarratti taasifamu akka cimu himeera.

Roobii irraa jalqabee deeggartoonni kubbaa miilaa bakka namoonni 10,000 caalan itti walitti qabamnitti argamuuf kanneen talaallii fudhatan ta'uu qabu, yookiin ammoo waraqaa ragaa vaayirasicharraa bilisa ta'uusaanii ibsu agarsiisuu qabu.

Kunimmoo taphoota piriimiyer liigiis ni dabalata.

Taphattootarratti Covid argamuun maal geeddare?

Tootenhaam tapha Yurooppaa Konfaransi kan kilaba Reenees waliin Kamisa taphachuuf turan haqameera.

Sababni isaa garechi tapha Piriimiyer Liigii Ingiliz kan Biraayitan waliin qabu yeroo biraattti kan dabarsiise weerara kana waan ta'eef.

Kamisa darbes taphattoonni Leestar hedduun koronaavaayirasiin qabamuun erga baramee booda tapha Yurooppaa Liigii kan Naappoolii waliin qaban taphachuuf gara Italii osoo hin imalin hafan.

Leenjisaan Astonviilaa Isteevan Jeeraard hojjettoonni lamaa fi taphattoonni lama vaayirasichaan qabamuu ibsanii garuummoo kanneen biroon hedduunsaanii qorannoo taasifameen vaayirasicharraa bilisa ta'uu ibsan.

Taphni Wiixata Noorwich waliin qaban akka gaggeeffamus himan.

Leenjisaan Biraayitan Girhaam Pootar gamasaaniin taphattoonni sadi yookiin afur vaayirasichaan qabamaniiru jedhan.