Waraana Kaaba Itoophiyaa: MM Abiy Ahimad akkamiin waraanaan finciltoota of duuba deebisuutti milkaa'an?

Madda suuraa, FANA BROADCASTING CORPORATE
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad finciltoota Tigraay aangoorraa isaan kaasuuf yaaddessan loluuf adda waraanaatti duuluun yaadannoo mootiiwwan duranii irra deebiin dammaqsanii jiru.
Bara 2019'tti badhaasa Noobeelii Nagaa 100ffaa kan injifatan MM Abiy, ta'ii addaan huccuu waraanaa uffatanii daggalaafi gaarreen keessa yeroo socho'an, meeshaa sochii diinaa agarsiisu 'binoculars'n yeroo ilaalaniifi loltoota muka jalatti yoo gorsan viidiyoon waraabamanii suuraas kaafamaniiru.
''Ijoollee Itoophiyaa ta'uu warri feetan, seenaan warri isin yaadatu, har'a biyya keessaniif ka'aa. Adda waraanaatti wal haa agarru'' jedhanii duulaaf kakaasan.
Biyya Noorwaay, 'Oslo New University College' keessatti barsiisaa qo'annoo walitti bu'iinsaa (conflict studies) kan ta'an pirofeesat Shetil Tiroonvool, murteen MM Abiy shakkii malee madaala waraanaa faallaa warra TPLF gochuuf gumaacheera jedhan.
''Akkan yaadutti suuraaleen kaafaman adda waraanaarra osoo waraanarra jiranii osoo hin taane dhiyeenya adda waraanaa akka ture akeeka, murteensaa bu'aa buuseera,'' jedhan.
''Hamilee janaraalotaa jabeesseera, sabboonummaa Itoophiyaa dabaleera, goototni biyyaa akka Haayilee Gabrasillaasee duula waraanaa kana deeggaranii akka bahan godheera, dabalataan kumootaan kan lakkaawwaman waraanaafi milishaa Amaaraatti akka makaman godheera.''
Haleellaa Diroonii
Danqaaleen warri TPLF argan guddoodha. Humnoonni isaanii km 400 boodeettii deebi'anii naannoo Waldaayaa gahuu isaaniin dura, magaalaa guddoo Itoophiyaa Finfinneerraa fageenya km 130 irratti kan argamtu naannoo Dabra Birihaan gahanii turan.
Kana jechuun finciltooti naannolee murteessoo teessoo isaanii Maqaleefi teessoo mootummaa Federaalaan qunnamsiisu dhabaniiru jechuudha.
Piroofessar Tiroonvool Abiy waraana lafoo yeroo hoogganan, dirooniiwwan Chaayinaa, Tarkiifi Iraanirraa argaman jedhaman humnoonni TPLF akka boodatti baqatan gahee akkaan guddaa bahaniiru jedhu.
''Dirooniin Chaayinaa Wing Loong II taankiifi meeshaalee gurguddaa haleeluufi lafa dirreerratti loltoota lafoo boombiin dhahuuf humna waraanaa guddaa ta'uu agarsiisaniiru.''
Dabalataan mootummaan Itoophiyaa dhiibbaa US fi Gamtaan Awurooppaa waliigaltee dhukaasa dhaabuu akka fudhatu gochuuf yaalan ofirraa qolachuu, humnoota Lixaa deeggartoota TPLF gochuun dhiyeesseera.
Atileetiin beekamaa Haayilee Gabrasillaasees yaada kana qooddateera.
''Akkamiin Iraaq, Siiriyaan, Yamaniifi Liibiyaan akka manca'aniifi diigaman argineerra. Garuu Itoophiyaan biyya lammiilee miiliyoona 120 ol qabduudha. Yaaliin kamuu biyyattii kan tasgabbii dhabsiisuuf godhamu isaanirratti dhiibbaa qaba,'' jechuun Atileet Haayileen miidiyaalee biyya keessaaf himeera.
''Obbolootni keenya dhiiraaf dubaraa Afrikaa akka nu deeggaran nan beeka, sirna kolonii jaarraa hedduuf waliin falmanneerra'' jechuunis dubbate.
Pirofeesar Tiroonvool haasaa akka kanaa kan boce MM Abiy ta'uufi kaayyoon isaas deeggarsa mootummoota Afrikaafi biyyoota biroo faallaa warra Lixaa ta'an argachuuf ta'uu himu.
''Waraanichi yeroo jalqabu Abiy TPLFn juuntaa ittiin jechuun kan lolaa jiru olaantummaa seeraa kabachiisuuf akka ta'e hime.
Haata'u malee, saniin booda yaadama Pan-African madqafachuun warri TPLF humnoota impeeriyaalistiif lolu jechun, akkuma mootota durii guddummaa Itoophiyaaf akka lolu dubbate.''
Jaalatamummaa dabale
Sadaasa keessa MM Abiy finciltoonni TPLF mootummaa isaa garagalchuuf yaaluu isaanii injifannoo Adawaa bara 1896 loltoonni Miniliik weerartoota Xaaliyaanii irratti argataniin wal fakkeessan.
"Wahillan koo lammilee Itoophiyaa biyya keessaafi dayaaspooraa, dhugaa addunyaatti himuun hojiin isin hojjetaa jirtan kan jajjabeeffamudha.
Tokkummaan dhaabbannaan aggaammii badiinsaa biyya umurii dheertuu qabdu kanarratti humnoota fagofi dhiyoon itti dhufe irra aanuu dandeenya. Akka ijoollee Adawaatti Itoophiyaa cichoominaan gara fuulduraa baannee deemna," jechuun tiwiitarii irratti barreessan.
TPLF sochii riphee lolaa ture, bara 1991 aangootti dhufe. Hanga bara 2018 aangoo mootummaa irra hedduu dhuunfatee ture. Mormii uummataa isa mudateen aangoorraa kaafamee MM Abiy gara aangootti dhufe.
Jijjiiramoota MM Abiy hojiirra oolchuu eegale kan hin feene TPLF, bara darbe iddoo itti baqate Tigraay irraa mootummaa waliin lola eegale.
Madda suuraa, Ethiopian News Agency
Humnooti TPLF lafa hedduu to'achuu isaanii hordofee gaaffiin hedduun irratti ka'aa kan ture MM Abiy, torbanoota darban gara adda waraanaa duuluun lammilee Itoophiyaa hedduu irraa jaalatamummaa fi kabaja hedduu horateera jedha xiinxalaan Gaanfa Afrikaa UK buufate Abdulraahimaan Sayiid.
"Masaraa mootummaa dhiisee loltoota isaatti makamuun, MM Abiy yoo barbaachisaa ta'e lubbuu isaa Itoophiyaaf wareeguuf qophii ta'uu ergaa dabarse," jedha.
"Seenaa mootota Itoophiyaarraa araada qaba, yeroo tokko haati isaa mootii 7ffaa akka ta'u raagdee akka turte namootatti himeera. Mootonni loltoota isaa dursanii gara adda waraanaa duulu, innis kanuma godhe."
Pirofeesar Tiroonvool gochi Abiy badhaafamaa Noobeelii nagaa irraa waan eegamu miti jedha. MM Abiy bara 2019 Eertiraa waliin nagaa buusuu fi jijjiirama siyaasaa hojiirra oolcheen badhaasa Noobeelii argate.
"Baraak Obaamaa akkasuma Noobeelii erga mo'ateen booda Afgaanistaan irratti waraana xiyyaara nam-maleeyyii bane ture, garuu Waayita Haawus kutaa hordoffii keessa taa'eeti. Abiy garuu nama jalqabaa gara adda waraanaa duuledha," jedha.
Lola daandii ijoo qabachuuf godhamu
MM Abiy jalqaba gara adda waraanaa Bahaa, lafa humnoonni addaa fi milishaan naannoo Amaaraa TPLF irratti injifannoo goonfachaa turan deeme.
"Warri Affaar Tigraayiif ollaa dhiyoodha. Aadaan looltoota jaboodha. Dhiirri Affaar hundi umurii ganna 15 irraa eegalee qawwee ni qabaata. TPLF ofirraa ittisuun qabsoo cimaa godhan, yeroo duraaf dubartoonni Affaaris lola kanarraa qooda fudhataniiru," jedha Abdulraahimaan.
"Baatii jaha dura wayita loltoonni TPLF Affaar seenanii turan yakka raawwatan irraa kan ka'e warri Affaar hagam akka dheekkaman agarsiisa."
Kun kaayyoo daandii guddicha Itoophiyaa fi Jabuutii wal qunnamsiisu qabachuuf TPLF qabaachaa ture fashalse jedha Abdulraahimaan.
Itoophiyaan biyya karra galaanaa hin qabane, sochii diinagdee isheef buufata doonii Jabuutii fayyadamtudha.
"Osoo silaa TPLF daandii gara Jabuutii geessu to'attee diinagdee Itoophiyaaf kufaatii guddaa ture, omishaaleen Finfinnee hin dhaqqaban, carraan Finfinneen harka finciltootaatti kufuu ni guddata ture."
MM Abiy torbee lama booda gara waajjira isaa erga deebi'ee guyyoota muraasa booda, deebi'ee gara adda waraanaa duuluun iddoowwan dabalataa to'achuu waajjirri isaa gabaaseera. TPLF gama isaatiin magaalaa seena qabeettii naannoo Amaaraa Laalibalaa deebisee to'achuu hime.
Hogganaan Itoophiyaa aangoo isaa tikfateera ta'a, maqaan gaarii addunyaarratti qabu garuu gurraachesseera jedha pirofeesar Tiroonvool.
"Galmi badhaafamaa Noobeelii Nagaa silaa nagaa labsuu ta'uu qaba ture, MM Abiy garuu waamicha nagaa godhameef irra deddeebiin dideera, loltoonni isaas yakkoota hedduu raawwataniiru."
Abdulraahimaan garuu TPLF aangoo humnaan qabachuuf kutatee waan ka'eef MM Abiy loluun alatti filannoo hin qabu ture jedha.
"Waraanni kun yeroo hagamiif akka itti fufus ta'e akkamiin akka xumuramu hin beeknu, haata'u malee Abiy nama salphaatti achi darbatan akka hin taane agarsiiseera."