Edwaard Meendii: Gooli-eegaan lammii Senegaal akkamiin Afrikaarraa tokkooffaa ta'ee beekame?

Gooli eegaa Cheelsii lammii Senegaal Edwaard Meendii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Meendiin bara 2014 hoji dhabaa ta'ee Firaansi keessatti galmaa'ee ture, waggaa torba booda garuu addunyaa kubbaa miilaatti seenuun waancaa Chaampiyoonsi Liigii nyaate

Gooli-eegaan lammii Seenegaal Edwaard Meendii -Afrikaarraa isa qofaa kan ta'e-ardii Afrikaa bakka deemu maratti gammachuudhaan simatama.

Ga'eessi umrii waggaa 29 kun bara 2020 ji'a Fulbaanaa keessa hojii gooli-eegaa duraanii Cheelsii Petr Cech itti fufsiisuutti cichuun itti seenee booda milkaa'ina gurguddaa galmeessiseera.

Yeroo ammaa Meendiin waancaa Chaampiyoonsi Liigii fi Suppar Kaap nyaachuun milkaa'ina Czech daran caalee argamuuf tattaafataa jira.

Raawwiin isaas kan walirra hin cinnee fi addunyaa ajaayibsiisu ta'eera.

"Uummata ardichaa hunda waanan boonseef akkaan gammadeera. Afrikaa bakka hunda wayitan miilaan karraarra deemu namoonni na dhaabanii baga gammadde naan jedhu, na jaju. Kun waan guddaadha,'' jechuun BBC Sport'tti hime.

Jajjabinni lammiileen Afrikaa kennaniif daran akka milkaa'uuf akka hamilee isaaf ta'u dubbate Edwaard Meendii.

Taphataan colleen kilaboota Awurooppaaf goolii eeguudhaan Afrikaarraa nama tokko qofa ta'e kun erga Cheelsii waliin waancaa Chaampiyoonsi Liigii nyaatee booda gooli eegaa collee bara 2020-21 ta'uun filatameera.

Edwaard Meendii dhimma kanarratti wayita yaada kenne: ''Yeroo hamtuu keessatti mo'anne. Isumayyuu reefuu goolii eeguu wayitan jalqabutti waancaa Chaampiyoonsi Liigii mo'achuun mikaa'ina hamilee namatti horuudha,'' jedhe.

Meendiin tapha Chaampiyoonsi Liigii Cheelsiin Poortoo waliin taaiserratti goolii eegaa jalqabaa Afrikaa tapha idil-addunyaa(Chaampiyoonsi Liigii) irratti hirmaate ta'eera.

"Anaafn maatii kootiif kun kabaja guddaadha,'' jedhe.

Edwaard Meendii taphoota jalqabaa Cheelsii waliin taphate 65 keessatti taphoota 36 keessatti osoo gooliin itti hin galin obbaase, gooliiwwan 42 ammoo itti galaniiru.

Hiriyaa Check

Ibsa waa'ee viidiyoo,

BBC ASPOTY 2021: Edouard Mendy

Edwaard Meendii milkaa'ina har'a irra ga'eef gooli eegaa duraanii Cheelsii Petr Cech galateeffata.

"Petr gara na fiduuf baayyee ifaaje. Kanaafuu anis ergan Cheelsii seenee waan inni narraa eegu hunda cichoominaan raawwadhee isa boonsuun qaba jedheen murteesse. Akkanni filannoo sirrii filate mirkaneessuufiin qaba,'' jedhe.

Meendiin akkuma xiiqeffatetti hojiisaa wayita jalqabu milkaa'inaan eegale.

Taphoota jalqabaa torba keessaa ja'a irratti gooliin tokkoyyuu osoo itti hin galin xumure.

Tapha akkasitti xumure keessaa tokko tapha Maachistar Yunaayitid waliin dirree Old Trafford irratti taphataniidha.

"Taphni Maanchistar waliin taphanne seenaa Piriimiyer Liigii Ingiliz keessatti tapha koo jalqabaati. Taphan baayyee jaal'adhee fi irratti milkaa'edha,'' jedhe Mandiin.

Dachee Ingiliz akkaan jaallachuu kan himu Mandiin bakka durumaanuu itti deddeebi'ee daawwachaa turee fi iddoo obboleettiinsaa jiraattutti dabalamuun miira addaa akka isatti uume dubbate.

Seenaa Edwaar Meendii gabaabinaan

Meendiin akkaataa guddina isaa wayita dubbatu abbaa fi obboleessasaa akkaan galateeffata.

Namoonni kunneen qormaata jireenya darbee akka nama ta'uuf warra utubaa isaaf ta'an ta'uu hima.

"Abbaan koo yoon waa argachuu barbaade akkan ximee hojjedhu na gorsaa ture, obboleessi koo ammoo isteediyemii na geessee tapha na shaakalsiisaa ture. Kanaafuu maatii kiyyatu galma kiyyaan na ga'an,'' jechuun maatiisaa galateeffate.

Meendiin akka taphataa kubbaa miillaatti yeroo jalqabaaf bara 2011 kilaba biyya Firaansiif kontiraata mallatteesse.

Kilaba Firaansi keessatti kan guddate Mandiin wayita kontiraata isaa fixu bara 2014 turtii kubbaa miilaa xumuree gara addunyaa biratti ce'e.

Bara sana dargaggeessi umrii waggaa 22 Mandiin faddaaltotaan dogoggorsiifamuun Firaans keessatti akka hoji dhabaatti galmaa'ee jiraachuu jalqabe.

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa,

Meendiin Manachistar Siitii waliin tapha Chaampiyoonsi Liigii xumuraa booda wayita waancaa baachuun gammadu

Meendiin erga gooli eegaan duraanii Cheelsii Petr Cech isa eeree booda gooli eegaa afraffaa ta'uun fudhatame.

Wayita hojiitti seenu garuu tokkoffaa ta'ee argame, hundaan barbaadamuu eegale, bakki guddaanis kennameef.

''Seenaan koo namoota baayyeef barumsa, abdii ta'a. Ammallee taphattoonni dargaggeeyyii hedduun jireenya an keessa darbe keessa jiran waan jiraniif,'' jedhe Meendiin.

"Milkaa'inni kun ida'ama obsa, hojii fi amantiiti-hojii hedduudha. Ofitti amanuu qabda. Kaan caalaa cimtee hojjechuu feesisa.''

Milkaa'inni Mandiin galmeessisaa dhufe taphataa collee Senegaal bara kanaa ta'ee akka filatamu isa taasise.

Kan taphataan Liivarpuul Saadiyoo maanee waggoota ja'aaf walitti aanaa taphataa cimaa Senegaal ta'aa ture inni amma irraa fudhate.

Ji'a darbe Edwaard Mandiin taphataa collee addunyaa jedhamuun badhaasa gooli eegdotaaf biyya Firaansiin kennamu Yashin Trophy jedhamu mo'ateera.

Kan taphataan Liivarpuul Saadiyoo maanee waggoota ja'aaf walitti aanaa taphataa cimaa Senegaal ta'aa ture inni amma irraa fudhate.

Ji'a darbe Edwaard Meendiin taphataa collee addunyaa jedhamuun badhaasa gooli eegdotaaf biyya Firaansiin kennamu Yashin Trophy jedhamu mo'ateera.

Meendiin badhaasa kana wayita sirni badhaasaa taphattoota collee bara kanaaf kennamut Ballon d'Or gala. jedhamu qophaa'etti fudhate.

"Waggaa muraasa dura an hoji dhabaan ture. Kilabiin na beeku hin turre. Har'ammoo gool eegaa cimaa ta'ee maqaankoo wayita ka'un dhagahe. Kun karaa sirriirra jiraachuukoo natti mul'isa. Bakkan itti hojjedhee akka addunyaatti beekamtii argadhu keessa akkan jiru natti agarsiisa.''