Zimbaabwee

  1. Zimbaabween uggura tuuriizimiirratti goote laaffisuuf

    Narsoota hiriirra jiran
    Image caption: Dhaabbileen tuuriizimii Zimbaabwee daawwattoota biyya keessaa irratti xiyyeeffatu

    Seektara tuuriizimii ji’oota sadiif cufamee turuun miidhaan cimaa irra ga’e suuta banuuf akka jettu Zembaabween beeksiftee jirti.

    Duraan manneen nyaataa ajaja manatti ergamu qofa akka keessummeessan godhamee ture. Amma garuu walakkaa hayyama kennameefitti namoota akka keessummeessan taasifamu.

    Paarkiiwwan biyyaalessaa, imalli biyya keessaafi adamoonis kan banaman ta’a.

    Dinagdeen Zimbaabwee tuuriizimii irratti kan hundaa’ee yoo ta’u, tuuristoota biyyattii daawwachuu dhufan miiliyoona lama caalan irraa doolaaraa biiliyoona tokkoo ol argatti.

    Seektarri kun sababa koroonaavaayirasiin cufamee ture, daangaawwanis banaa kan turan namoota biyyattii keessaa jiraachaa turaniifi ba’uu fedhaniif qofa ture. Dhaabbileen tuuriizimiis daawwattoota biyya keessaa irratti xiyyeeffatu.

    Zimbaabweetti namoonni 574 ta’an dhibee Covid-19’n qabamanii jiru.